ONM – ABO – Amajjii 25, 2023 Torbee darbe Amajjii 18,2023 waaree booda naannoo sa’a 11:00tti ilmaan oromoo Gadaa Bosee Obbolaa lamaan, Margarsaa Biiftuu fi Daggafaa Biiftuu jedhaman mana hidhaatii baasuun murni bilxiginnaa achi buutee dhabamsiise.
Gama biraatiin tibbuma sana namoota sadi kan eenyummaan isaanii ammaaf adda hin baane dubartii tokkoo fi dhiirota lama iddoo biraatii qabanii fiduun naannawwa magaalaa Bofaatti ajjeesanii erga gatanii booda namoota kanneen bineensi akka nyaatu yoo taasisan mataan dhiirotaa fi rifeensi dubartii bineensi nyaate kanaa lafarra faca’ee argamuu hawaasni naannichaa taatee kana ijaan argan dubbataniiru.
Dhiiga ilmaan oromoo bishaan godhatee kan dhugaa jiruu fi hojii diinummaa uummata nagaa irratti gara jabinaan kan raawwachaa jiru ergamaan bilxiginnaa kantiibaan magaalaa Bofaa namni Baqqalaa Namoo jedhamu, ilmaan Oromoo magaalaa Bofaatii fi naannawaa isheetti argaman dararuu fi dhabamsiisuu itti fufee jira.
Kantiibaan magaalaa bofaa Baqqalaa Namoo Beenyaa jedhamu kun namoota manguddoo ta’an kanneen hojjatanii ofii isaanitii fi maatii isaaniituu jiraachisuu hin dandeenye fi hawaasa magaalichaa walitti guuranii leenjii milishaa fudhaa jechuun dirqamaan rakkisaa jira.
Namoota magaalicha keessatti hidhamanii jiran hunda isaanii gadi yaafnee ajjeesuun namoota biraa itti hiina jechuun qaamota isaa olii mariisisaa akka jiru odeessi achi ba’e ni ibsa.
Oduma wal fakkaatuun magaalaa Boolee fi naannawa isheetti waraanni murna PP uummata nagaa dararaa jiraachuun baramee jira.
Guyyaa dheengaddaa Amajjii 23,2023 waraanni murna PP fi milishoonni sirnichaa maqaa sakatta’a waraana bilissummaa Oromoo jedhuun akka saree maraatuu olii fi gadi fiiguun ganda Qaawwaa fi Hulluuqqoo jedhamu keessatti mana hawaasaa qabeenya waliin gubaa oolan.
Ganda Hulluuqoo jedhamuu keessaa mana 1 ganda Qaawwaatii ammoo mana maatii hortee tokkoo qofa mana 5 xaafii dabalatee, qabeenya mana keessa jiru hunda waliin mancaasanii jiru.
Namoonni adda durummaan gocha kana raawwatan Xaahir Nyaaqoo, Saaliyaa Huseen, Ahimeddiin Huseen, Raabii Amaanoo, Gabii Jiboo, Kamaal Adam, Adam Araboo, Abdii Adam kanneen jedhamanii dha.
Namoonni maqaan isaanii armaan olitti Eerame kun yeroodhaa gara yerootti maqaa waraana bilisummaa Oromoo deeggartan, nyaachiftanii fi obaaftan jedhuun waraana faashistii PP waliin ta’uun hawaasa nagaa, sabboontota ilmaan Oromoo qaqqaalii fi maatii qabsaa’otaa dararaa akkasumas dararsiisuu irratti argamu.