ONM – ABO – Amajjii 25, 2023 Murni abbaa irree bilxiginnaa ilmaan Oromoo Oromummaa qofaan yakkuun qabee erga mana hidhaa seensiseen booda mana hidhaati baasee ajjeesuu aadeeffachuun ona Heexosaa ganda Guurii Dabbullaa edhamu keessa namoota shan qabee hidhuun namoota lama keessaa ajjeesee warreen hafan hidhaan dararaa jira.
Gocha kanas Amajjii 20, 2023 dargaggeesaa maqaan isaa Kaliiloo Gandoo Hamdaa jedhamu Amajjii 21 ammoo maanguddoo Jamaal Fay’isoo jedhamu badii tokko malee qabuun dararaa guddaa erga irraan ga’aaniin booda mana hidhaatii baasuun qarqara aanaa Dheeraa bakka addaa Doddotaa jedhamutti qeerroo fi maanguddoo kana ajjeesanii gatan.
Obboloota qeerroo Kaliiloon sadii kan maqaan isaanii Gammachuu Gandoo, Asmad Gandoo fi Umar Gandoo jedhaman maatii tokko keessaa qabanii hanga ammaatti buufata poolisii aanaa Heexosaa magaalaa Itayyaa jiru keessatti dararaa agarsiisaa jiru.
Namoota ganda Guurii Dabuullaa irraa qaban malee gandoota biroo irraas maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo deggertuun qabanii reebaa fi hidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Heexosaa gabaasaniiru.

