ONM-ABO 26 Amajjii 2023 Murni faashistii PP olaantummaa finxaaleyyii Amaaraa mirkaneessuuf hojjechaa jiru jiru lola qindaa’aa uummata Oromoo Walloo irratti geggeessuu eegalee jabeessuuf loltoota dabalataa garas fe’aa jira.
Uummata Oromoo Wallootti karaa cufa lola kan banan humnoonni finxaaleyyii Amaaraa Abiy Ahimediin tumfaman, humni dabalaa waraanni konkolaataan 30n maqaa Birgeedii Minilikiin of moggaase guyyaa kaleessaa Amajjii 25 Tigraay irraa ka’uun Waldiyaa qaxxamuree yeroo gabaasni kun qindaa’etti magaalaa Dasseetti imalaa akka jiru barameera.
Humni kun har’a gara galgalaa bakka lolaa Jiillee Dhummugaa ni ga’a jedhamee eegama.
Humnoonni finxaaleyyii Amaaraa kun hanga halkan kaleessaatti magaalotaa fi baadiyaa uummatni Oromoo keessa jiru barbadeessaa kan turan yoo ta’u, guyyaa har’aas dhukaasa banuuf qophii irra jiraachuu jiraattotni dubbatu.
Fedhii lafa babal’ifannaa isaanii guuttachuuf murni bilxiginnaatti fayyadamanii hojjechaa kan jiran humnootni kun, duula lolaa Walloo irratt ifatti labsuun isaaniinis ni yaadatama.