ONM-ABO 26 Amajjii 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii lixaa weerara mooraa diinaa naannoo uummattoota kibba lixaa aanaa Gadab magaalaa guddittii aanichaa Gadab irratti kaleessa Amajjii 25/2023 halkan keessaa sa’a 6:45tti taasisee ture.
Weerara gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo taasise kanaan diina olii fi gadi oofee du’aa madoon adabuun mooraa cabsee qawwee AKM 30, Rasaasa 4000, gumbii 10 fi Piistoo 9 irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Kana malees konkolaataa diinaa paatroolii 7 abiddaan daaraa taasisuun qabeenya murna bilxiginnaa barbadeessee diina rifaasiseera.
Uummata nagayaa aanicha keessaa fi ilmaan Oromoo gabaa deemuun maqaa waraana bilisimmaa Oomoo qabanii mana hidhaatti dararamaa turan namoota 153 gidiraa jalaa bilisa baaseera.
Lolli hanga bilisummaatti itti fufaa
Injifannoon Uummata Oromoof!
