ONM – ABO – Amajjii 27, 2023 Ilma keessan, obboleessa, obboleettii akkasumas firoota keessantu miseensa Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun namoota nagaa dararuu kan aadaa godhe murni heera impaayerattiif hin bulle bilxiginnaan ona godina Baalee lixaa aanaa Diinshoo keessaa maqaa maatii qabsaa’otaa jedhuun namoota baay’ee hidhee rakkisaa jira.
Akka kanaanis aanicha keessaa maatii Jaal Caalaa Haajii Amaan Waayyuu abbaa isaa Haajii Amaan Waayyuu ilma kee maaliif hin galchine sababa jedhuun, Idiriis Haajii Amaan, Abduljabbaar H/Amaan, Muunsaa H/Amaan, Aliyyii H/Amaan, Abdurra’uuf H/Amaan, Tamaam H/Amaan, Abdee H/Amaan, Awwal H/Amaan Obbooleeyyan isaa hidhanii jiru.
Kana malees ilmaan Jaal Caalaa Kamaal Damboobaa, Seeyfuu Danboobaa, Abdurahiim Damboobaa fi Haadha Manaa isaa aadde Saadiyaa Haaji Xeefoo qabanii hidhuun aadde Saadiyaa meeshaa waraanaatu mana keetti argame jechuun ragaa sobaan waggaa lamaa fi ji’a ja’a itti murteessaan.
Sababa maatii qabsaa’otaa jechuun yakka tokko malee namoota 33 buufata poolisii aanaa Diinshootti dararaa akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

