• Sun. Oct 1st, 2023

Mataan nafxanyootaa koloneel Abiy Ahimed Sudanitti argamuun waan nagaa biyyattii dubbachuu isaatti namootni hedduun taajjaban

Jan 27, 2023

ONM – ABO – Amajjii 27, 2023 Impaayera nagaan hin qabne Itoophiyaa kan paartiileen karaa nagaa qabsaa’anis ta’e hidhannoon socho’an adeemsa murna bilxiginnaa irratti waliigaluu dadhabuun impaayerattii keessatti sagaleen dhukaasaa fi diddaan uummata akka malee dhagaa’amaa jiru, akka hin jirretti fakkeessuun nagaa dhabuu biyya Sudaaniif Abiy Ahimed gorsa kennaa ture.

Kaleessa Amajjii 26,2023 Sudanitti argamuun ajandaa dhaqeefitti dabaluun nagaa dhabuu Sudaan ilaalchisee garaagarummaa paartiilee Sudaan gidduu jiru akka ofii hiikkatan dhaamaa ture.

Sudaan rakkoo nageenya biyya ishee osoo qabduu daangaa impaayera Itoophiyaa kiiloomeetira 60 ol seenuun qabattee jirti.Abiy Ahimed rakkoo isaa kan impaayerattiin akka mana duufee irratti diigamaa jirtuu dhiisee kan Sudaaniif fala ka’uu barbaadu, dantaa mataa isaa guuttachuuf akka ta’e himameera.

Daawwannaa Sudaanitti taasise kanaanis dhimmoota bishaanii, daldalaa fi ijoon gochuun dhimma daangaa irratti marii godhan.

Yeroo wal dhibdee Kaaba Itoophiyaa fi Oromiyaa keessatti hammaate Sudaan akka dabalataan lafa qabatte caalaatti fuula dura hin deemneef biyyattii keessatti nagaa akka hin argamne Shaabiyaa waliin ta’uun hidhattoota baha Sudaanii, hoggantoota gosaa fi paartiilee mormitootaa magaalaa Kaartum keessatti deggeruun mootummaa ce’umsaa Sudaan lolchisaa fi hiriira irratti baasisaa akka turan ni beekama.

Amma ammoo hariiroo akka gaanfa Afrikaatti harkatti kufe deebisuuf akka waan Sudaaniif yaadetti rakkoo humnaa olii Sudaan irra caalaatti ofii osoo qabuu, osoo kan isaa hin furatin nagaa fi waliigalteen furmaata akka ta’e kallattii kaa’uu isaatti hayyootni fi namootni dhimma Itoophiyaa itti siqeenyaan quba qaban taajjabaniiru.

Leave a Reply