• Tue. Dec 5th, 2023

Impaayera Qarree kufaatii irra daaddisu irraa abdii kutachuun miseensotni waraana PP guyyuu mooraa qabsoo Oromootti dabalamaa jiru

Jan 27, 2023

ONM – ABO – Amajjii 27, 2023 Ilmaan Oromoo sababoota garagaraatiin Miseensa Waraanaa ta’uun impaayera dhiiga ilmaan Oromoo xuuxxu tiksaa turan bu’aan isaan argatan salphifamuu fi du’a kaayyoo hin qabneef of kennaa turan, har’as itti jiru.

Sadarkaan dammaqinsaa fi dhugaa impaayera kana keessa jiru adaduma hubataa deemanii fi sirna kana kufaatii irraa baraaru akka hin dandeenye haguma baran qawwee fi hidhannoo isaaniin mooraa qabsoo bilisummaa Oromootti dabalamaa jiru.

Amajjii 26, 2023 Humna waraana PP Lixa Shaggar Aanaa Cobii ganda Qorichaa Kootichaa magaala Gabaa Sanbataa maadheffattee Oromoo dararaa jiran keessa miseensi waraana Qabbanaa Maammoo hidhannaa isaa guutuun WBOtti dabalamee jira.Miseensi kun qawwee AKM tokko, rasaasa 200 fi hidhannoo tokko mooraa qabsoo bilisummaa Oromoof galii godheera.

Miseensi Waraana PP kun waggaa tokko dura dirqamaan mana hidhaatii ukkaamfamuun moora leenjii Xoollayiitti erga leenji’e waggaa tokkoof naannoo Raayyaa Azeboo, Affaaritti Humna Waraana Tigiraay lolaa erga turanii Waraana Bilisummaa Oromoo akka lolaniif ji’a shaniin dura gara Amboo mooraa leenji Sanqallee qubasiifamuun booda gara aanaa Cobiitti akka dhufe hima.

Miseensi waraana bilxiginnaa kun kutaa waraana 117 keessa kan bahe yoo ta’u ilmaan Oromoo miseensa waraana kana keessa jiran hacuuccaa fi shakkii hamtuu keessa jiraachu dubbata.

Duula ijibbaataa jechuun dula murni bilxiginnaa taasiseen ilmaan Oromoo mooraa diinaatii gara qabsoo saba isaaniitti qawwee fi hidhannoo isaaniitiin dabalaman godina lixa Shaggar qofa keessatti namoota 11 ol torbee darbe keessa gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply