ONM – ABO – Amajjii 27, 2023 Murni yeroo barsiisotni miindaan nuuf haa dabalamu jedhan ishee qabnu nyaannee yoo fixne, ittumaa rakkanna jechuun akka waan guddinaaf maallaqa qusachaa jiruutti ibsuuf yaale, hoomaa waraana isaaf maallaqa humnaan olii ramadee, sunuu ga’uu diddan bultootni aanolee ittiin wal qorachaa jiru.
Hojidhabduummaa akka carraatti fayyadamuun dargaggoota hedduu loltuu erga taasiseen booda, maallaqa kafaluu fi ittiin hojii waraanaaf aanaalee irratti loojestikii mijeessu dhabuun wal dararaa jiru. Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaanii fi Sadan Canqaa keessatti maallaqni hojii waraanaa dhumuun kaabinoonni qorannoon yeroo ta’umsaa fi ijaajjii yeroo wal dhorkatan, qondaaltonni waraanaa aanolee kana ammoo loltoota isaaniin cabsaa nyaadhaa jechuun barameera.
Rakkoo baajataa isaan mudatee kanaaf bulchaan godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan magaalaa Gabaa Roobiitti argamuun dhimmicha qoratus maallaqni waraana itti jiraachisan dhabamuu fi dabalata qaama olaanaa akka gaafatan irratti waliigalameera.
Murni bilxiginnaa rakkoo hawaasaa furuuf gurra dhabuun fuula isaa waraana ijaarutti deebisee hojjechaa jiraatus, hanga rakkoon siyaasaa Oromiyaa furamutti baajate amma fedhe baasee waraana jiraachisuun nagaa waaraan hin argamu kan jedhan qeerroo bilisummaa Oromoo godina Qellem Wallaggaa ti.