• Wed. Nov 29th, 2023

Uumata Oromoo Nagaa Walloo Irratti Yakki Sanyii Duguggaa Gaggeeffamaa Jira (Ibsa Ajajaa Ol’aanaa ABO-WBO)

Jan 27, 2023

Yogguu hawaasni idil-addunyaa kaaba Itoophiyaatti adeemsa nagaa buusuu fi hojii irra oolmaa isaatiif xiyyeeffannoo taasisaa jiru kanatti, mootummaan Itoophiyaa yakka waraanaa cimaa Oromiyaatti adeemsisaa jira. Waraanni adda hedduudhaan lixa, giddu galeessaa fi kibba Oromiyaatti bifa haaraan baatii darbe keessa Humna Ittisa Raayyaa Itoophiyaa  fi waahillan isaatiin saaqamee jira. Humnooti Naannoo Amaaraa kanneen mootummaa Itoophiyaatiin deeggaramanis irra deebiin Amajjii 15, 2023 irraa eegaluun duula sanyii duguuggaa Oromoo Walloo irratti bobbaasanii jiru. Duulli ammaa kunis akkuma yeroo kaanii maqaa abbaa hin qabne shororkeessaa “Shanee” ummata keessaa qulqulleessanii baasuu jedhu qabatanii  socho’u.

Duula kanaan, gaafa Amajjii 15, 2023 Humni Addaa Amaaraa Godina Addaa Oromoo Aanaa Jiillee Dhummuugaatti lammiilee nagaa irratti haleellaa saaquudhaan jiraattota lammiiwwan Oromoo  8 ajjeesan. Guyyaa itti aanu, Amajjii 16, 2023 ammoo Humni Addaa Amaaraa aanuma eerame kanatti haleellaa banuudhaan lammiilee Oromoo 68 ajjeesuun lammiilee 52 irraan madoo taasisanii jiru. Dhiittaan mirgaa akkaan ulfaataa ta’e Oromoo Walloo irratti adeemsifamuutti jiru hamma amaatti kan hin dhaabanne ta’uu fi miidhaan dhaqqabaa jirus daranuu lakkoofsi isaa guddaa akka ta’u hubatamaa dha.

Yommuu jibbinsii fi yakki sanyii duguuggaa Oromoo Walloo irratti adeemsifamaa jiru kanatti, duulli daranuu babal’atee itti fufee jiru kanatti, mootummaan Itoophiyaa lammiilee dhumaa jiraniif naatoo tokko illee kan hin qabne ta’uu haalota ulfaatoo fi fakkaataa ta’an keessatti waan hubatamee jiru dha. Haleellaa qindaa’an lammiilee Oromoo Walloo, baha Oromiyaatti Jaarsoo fi Cinaqsanii, fi guutuu Oromiyaatti adeemsifmaa jiru mootummaan Paartii Badhaadhiinaa gutummaatti lubbuu ilmaan namaatiif mararfannoo akka hin qabne waggoota arfan darban mirkaneessee jira. 

ABO-WBOn gama isaatiin gochaan farrummaa fi yakki lubbuu qaalii lammiilee nagaa irratti raawwatamu akkaan kan balaaleffatu ta’uu ibsuudhaan ummata Oromoo fi lammiilee Itoophiyaa nagaa jaalatan Walloo fi guutummaa Oromiyaatti lammiilee fi maatii isaanii hokkara kanaan miidhaa suukkanneessaan irratti raawwaataa jiru cinaa akka dhaabatan waamicha dhiheessa.

Hawaasni idil addunyaas a) dhiibbaa barbaachisaa aangawoota Itoophiyaa irratti taasisuun fixinsa Oromiyaatti deemaa jiru akka dhaabatu gochuu irraa qooda fudhattan; (b) Oromiyaatti nagaa buusuun Gaanfa Afrikaatti xiyyeeffannoo hangafaa taasisuu fi gargaartoti Itiyophiya hariiroon aangawoota waliin taasifamu bakkatti deebisuuf nageenya Oromiyaa akka haal-duree tokkotti lafa kaa’uun gahee isaani bahachuu qabu jedhee amana.

Haleellaan dhiheenya Wallootti raawwate bakkeewwan gara garaa gaggeeffameen namooti ajjeefaman danuu keessaa; ragaa hamma ammaatti walitti qabame irraa kanneen maqaan isaanii armaan gaditti eerame kan ajjeefaman ta’uun beekamee jira.

Makanaa Keessatti:

Hassan Muusaa Hassan   

Warra Abboo irraa:

1. Adamee Mohamed Adam Seekoo  

2. Hamadu Mohamed Alikkoo 

3. Adamee Mohamed Alikkoo 

4. Hasan Hammee Mohamed Umaritoo 

5. Mohamed Aliyyii Anbursaa  

6. Umar Adamshaa umar  

7. Nuuraa Umar Muussee  

8. Hussen Mahammado  

9. Abdallaa Jaabir Mohamed 10. Umar She Alii Hasan  

11. Haloo Adee Kuchee 

12. Xoohaa Umar Mohamed  13. Umar Mohamed Abdallaa 

14. Muhee She Ali  

Walakkoo Keessatti 

1. Abdallaa Ahimad Ali 

2. Abdallaa Umar Abdallaa  

3. Aliyyii Umar Mahammad 

4. Mohamed Sayid Umar 

5. Abduu 

6. Aliyyii Diimaa Arbiyyee  

7. Abdallaa Hamad 

 8. Hamadu Golee Kumsii 

9. Mohamed Golee  Kumsii  

Garbii Dirree Galmaa  (Saargat) 

1. She Umar Mohamed Ahimad Jaarraa 

2. Umar Jamaalee

3. Mohamed Ahimad

4. Mohamed Abdallaa Qaallichaa 

5. Umar Muhee Addallee 

Garbii Mudhii Waaccuu   

1. Hammee Abbagaar

2. Jaafar Ahimad Muussaa   

Goodaa

1. Mohamed Said fi 

2. Mohamed Ahimad 

Baalcii

1. Arbiyyee Awwaluu 

2. Hammee Mootii 

 Wasanqurqur

1. She Aliyyii Hasan 

2. Hasan Qaalichaa 

3. Muusaa Muhee Muusaa 

4. Hasan She Umar

Ajaja Ol’aanaa ABO-WBO

Amajjii 25, 2023

Leave a Reply