• Tue. Dec 5th, 2023

Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Aallee keessatti ilmaan Oromoo hidhamanii turan gara leenjiitti geessaa jiraachuun ibsame

Jan 28, 2023

ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Yeroo garaagaraatti murni bilxiginnaa namoota dalagaa dhuunfaa isaanii geggeeffachaa oolan badii tokko malee qabanii erga hidhaniin booda mana hidhaa baasanii ajjeesaa fi gara mooraa leenjii waraanaatti erguu aadeffateera.
 
 
Haala kanaanis ilmaan Oromoo badii tokko malee godina Iluu Abbaa Booraa ona Aallee magaalaa Goree keessatti qabamanii hidhamanii turan keessaa guyyaa kaleessaa Amajjii 27, 2023 buufata poolisii aanichaa keessaa baasuun gara magaalaa Mattuutti fe’an.
 
Magaalaa Mattuun erga ga’aniin booda raayyaa ittis impaayerattii dhuunfachiisuun qajeelcha poolosii godinaa tursanii mooraa leenjii Bilaatteetti akka ergaman adda ba’eera.
 
Ilmaan Oromoo mana hidhaa baafamuun humnaan leenjii deemaa jiran keessaa kan maqaa arganne, Toleeraa Admaasuu, Naasir Abaatee fi Naasir Siraaj ta’uun barameera.
 
Godina Iluu Abbaa Booraa onoota garaagaraa keessatti dhiibbaan murni bilxiginnaa ilmaan Oromoo irraan ga’aa jiru jabaa ta’uu fi namni gaaffii gaafachuu hin danda’u, yoo gaafate siyaasatti jijjiiramuun maqaa WBOn waan hidhamuuf hacuccaa hamaa jala akka jiran maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply