ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Oromiyaa keessatti taateen bara dargii impaayerattii keessatti mul’ate bara addunyaan mirga namoomaa fi diimookiraasiif bakka guddaa laattee jirtu kanatti impaayera Itoophiyaa keessatti dargaggootni humnaan qabamanii waraanummaaf leenjiitti ergamaa jiru.
Ilmaan Oromoo dirqamaan yeroo garagaraatti gara adda waraanaatti erguun jabaatee kan jiru yoo ta’u sirnichi aangoo isaaf jecha ijoollee kichuu maatii jalaa guuruun leenjii ga’aa osoo hin kenniinif dhiiga isaanii dhangaalaasa oola.
Sirnichi lixa Oromiyaa magaalaa Naqamtee keessatti dargaggoota hojii humnaa hojjetanii fi warreen ba’aa baatanii jireenya isaanii geggeeffatan humnaan qabuun leenjisaa jira.
Murni bilxiginnaa gadaa aangoo isaa dheereffachuuf humnaan qabee leenjii haa kennuuf malee, ilmaan Oromoo hedduun erga leenjii fudhatanii meeshaa fi hidhannoo qabachuun sirnicha gananii WBOtti makamaa jiraachuun ni beekama.


