ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Jaal Jireenyaa Guddataa dhimmoota yeroo irratti Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin turtii taasisaniin yaadota garaagaraa irratti ibsa laatan.
Maree kaleessa Amajjii 27, 2023 taasisaniin dhimma araraa ABO-WBOn bilxiginnaa waliin taasise jedhamu irratti mareen tokko iyyuu akka seera qabeessaan hin taasifamnee fi diraamaa bilxiginnaan mareef gaafannaan didan jechuun namoota isaa bobbaasee bilbilaan nama dhuunfaa qunnamuuf yaalu qofa dha jehan.
Kana malees shira bilxiginnaan WBO isa tokko waliin haasofnee walii galleerra jechuun waan hin ta’initti afanfajjii uumuuf hojjechaa jiru ta’uu ibsuun namootni dhuunfaa waan bu’uura seeraa fi amantaa hin qabne kana gidduu deemuu barbaadan irraa akka dhaabbatan dhaaman.
Gama Manifesto ABO-WBOn baase ilaalchisuunis akeeka dhaabichi waan inni qabsaa’aa jiruuf ibsuuf kallattiin nagaan bu’uu danda’u akeekuuf kan addunyaaf ibsame malee sagantaa siyaasaa ABO irraa waanti jijjiirame akka hin jirre ibsaniiru.
Itti dabaluunis lola Oromoo irratti kaaba Oromiyaa godina Walloo irratti baname tarkaanfii hawaasni naannichaa of irraa qolachaa jiru ajaayibsiifachuun uummatni Oromoo bakka biroos kan irraas baratee ulaa diinni ittiin Oromoo cabsuuf ka’e kana cufuuf tokkummaan ka’ee Oromoo Walloo bira jabinaan akka dhaabbatu waaman.
Dhuma irrattis tooftaa beelaan uummata Oromoo jilbeenfachiisuuf murni bilxiginnaa hojjechaa jiru akka galma hin geenye ibsuun uummatni keenyas ta’e dhaabbileen idil addunyaa sababa hongeen Oromoota godina Booranaa keessatti miidhamaa jiran cinaa akka dhaabbatu waamicha dhiyeessaniiru.
Guutuun gaaffii fi deebii kanaa Qophii Qorqortii Siyaasaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaa irraan isiniif dhiyaata.