• Sat. Mar 25th, 2023

Godina wallagga lixaa ona Qilxu Kaarraa keessatti Waraanni murna bilxiginnaa hidhaa uummata nagaa irratti jabeesse

Jan 28, 2023


ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Murni bilxiginnaa sabaaf naasuu tokko hin qabne lola walitti fufinsaan waraannii bilisummaa Oromoo humna isaanii irratti fudhate dheessuun naannoo Beenishangul Gumuzitti baqatanii turan, erga gara ona Qilxuu Kaarraatti deebi’anii asi uummata nagàa qabuun hidhaattii guuraa jiru.
 
Haaluma kanaan yeroo nuti baqannee deebine isin nu hin simanne jechuun uummaata magaalaa sana hidhatti guuruu itti fufan.
 
 Kibxata darbe Amajjii 24, 2023 jiraattoota magaalaa Qilxuu Kaarraa ganda 01 kan ta’aan namoota maqaan isaanii barataa Baaruu Malkaa, Natsaannat Lammeessaa, barsiisaa Yohannis Taamanna, Gammachiis, Ittafaa,Tolosaa Faradaa fi  kanneen biroo hedduu  hidhaan dararaa jiru.
 
Kana malees namoota biroos badii osoo hin qabaatin hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jechuun barattoota reebaa, barsiisota, daldaltootaa fi qonnaan bultoota irratti saamicha hammeessanii jiraachuu  jiraattoonni onicha Arraataa Biyyooleessa oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply