• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina Shaggar bahaa ona Boosat keessatti murni bilxiginnaa Uummata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi manneen uummataa gubuu akkaan jabeesse

Jan 28, 2023


ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Sirna kufaa jiru suphuuf murni impaayera Itoophiyaa bulchu bilxiginnaan uummaata nagaa ajjeesuu, hidhuu fi manneen isaanii gubuun diddaa uummatichaa lamsheessuuf Oromiyaa bakkoota adda addaatti hojjechaa jira.
 
Haaluma kanaan godina baha Shaggar ona Boosatii magaalaa Boolee keessatti isin  deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jechuun namoota maqaan isaanii Abbaa Biyyaa Aliyyii, dargaggoo Bobbaasoo Abdiisaaa , Hamdaa  Ifaddiin Kamaal, Jabbaar Kadiir, Saadaam Huseen fi Jamaal Gannaa, kanneen Jedhaman hidhaan dararaa jiru.  
 
Ganda Hulluuqoo Huruta keessatti Amajji 26, 2023 namoota sadii Kan maqaa hin argatiin mana hidhaatii baasuun yoo ajjeessan dargaggoo Qaasim Hawaas jedhamu ammoo rasaasaan rukuchuun mar’immaan isaa jigsuun madoo taasisan.
 
Amajjii 23, 2023 manneen namoota bakka  buufata 3 iddoo addaa Shaamaa fi Heeraa jedhamutti mana uummata gubuun hawaasa aanaa Boosat irratti dararaa guddaa geessisaa jiru.
 
Ona Boosat magaalaa Bofaa keessatti ilmaan Oromoo lakkoofsaan 11 ol ta’an torban laman darbe qofa keessa mana hidhaatii baasanii ajjeesanii gatuu gabaasuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply