• Mon. Mar 27th, 2023

Murni bilxiginnaa karoora qamadii bara dhufu biyya alaatti ergina jedhu milkeessuuf uummata irraa godina Baalee lixaa keessaa humnaan bitaa jiraachuun barame

Jan 28, 2023

ONM – ABO – Amajjii 28, 2023 Murni bilxiginnaa  osoo uummatni kibba Oromiyaa godina Booranaa beelaan dhumaa jiruu warshaa daakuu eebbisuun gargaaramuu irraa gara gargaaruutti ce’uu qabna jedhu, yeroo uummatni gargaarsa barbaadaa jira jedhan qamadii alatti ergina jechuun karoora abjuu baafatu, abjuu miliyoonata deebisee agabsu kana milkeessuuf qonnaan bultoota irraa humnaan walitti qabaa jira.
 
Baalee lixaa aanota oomishni qamadii keessatti hedduummatu keessatti gabaa qamadii qonnaan bultootni itti gurgurachuu qabanii fi qaama itti gurguruu qaban murteessuun ofii isaatii bitaa jira.
 
Gatiin bittaa murni bilxiginnaa baasee ittiin karaa bakka bu’oota isaatii godina Baalee lixaa keessatti bitaa jiru gadaanaa waan ta’eef uummatni gatii kanaan hin gurgurru yeroo jedhutti isin ergamtoota Waraana Bilisummaa Oromooti, karoora impaayerattiin qamadii alatti ergitee, sharafa alaa argachuu qabdu fesheleessuufi jechuun doorsisa irraan ga’u.
 
Kana malees  qonnaan bultoota qamadii isaanii murna bilxiginnaatti osoo hin gurgurin keeshaa 25 ol mana keessa kaa’ee bara dhufu manatti argame akka jala dhuunfatamu jechuun akeekkachiisaa itti baasaa jiru.
 
Qonnaan bultootni gabaa bilisaati mitii, bakka feenetti gatiin feeneen gurgurachuuf mirga hin qabnuu jechuun yoo gaafatanis kallattii nutis keenyeen ala kan socho’e mootummaa faallessuuf hojjechaa waan jiruuf ni gaafatama jedhan.
 
Haala kanaanis uummata doorsisanii qamadii gatii gadaanaan bituun osoo oomishni ga’aan hin jiraatin uummata beelessaa fi diinagdeen dadhabsisaa karoora isaanii dhugoomsuuf gara alaatti fe’uuf mana keessatti walitti qabaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa godina Baalee lixaa gabaasaniiru.

Leave a Reply