ONM-ABO 29 Amajjii 2023 Irree fi gaachana uummata Oromoo kan ta’ee WBOn zoonii kibbaa konyaa Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa ganda Gaadduu Yaabaa Sireetti Amajjii, 27/2023 guyyaa keessaa 7:00-12:00tti tarkaanfii waraana biltsiginnaa raayyaa ittisa biyyaa jedhe of yaamuu fi humna addaa naannoo uummattoota kibbaa irraa dhufe irratti fudhateen loltoota faashistii PP 35 ol battalumatti yommuu ajjesu 26 madoo dandammii hin qabnen adabeera.
Loltootni kunneen Zu-23 fi moortera dhukaasanis rasaasa WBOn galaafatamuu irraa hin oolle.
Godinichuma aanaa Galaanaa ganda Calbeessatti Amajjii 27/2023 ganama irraa eegalee lola bakka garaagaraatti taasiseen humna waraana faashistii Abiy Ahimed qabeenyaa fi manneen uummataa gubaa deeman irratti tarkaanfii laaleessa fudhateen loltoota diinaa 33 ol du’aan yoo adabu, 29 irraa madesseera.
Har’a Amajjii 29/2023, aanaa Bulee Horaa ganda Murtuu Xillisaatti, waraana weerartuu biltsiginnaa uummata dararaa deeman irratti tarkaanfii WBOn fudhateen loltoota 9 battalatti yommuu ajjeesu 6 madeesseera.
Injifannoon Uummata Oromoof!