ONM-ABO Amajji 30, 2023 Yeroo itti uummatni beelaa fi rasaasaan dhumuun jiraachuun gaaffii keessa galetti, murni bilxiginnaa paartii isaa jiraachisuu dabballoota warreen oduu sobaa ganda keessaa funaananii fi namoota dhuunfaa sochii guyyaa isaanii hordofaniif leenjii kenneefii bobbaasaa jira.
Torbee darbee qabuun dargaggoota faayidaan goyomsee godina Baha Wallaggaa bulchiinsa magaalaa Naqamtee Hoteela Shaalom keessatti simachuun waraana bilisummaa Oromoo abaaraa, paartii isaanii qulqulleessuun akkaataa itti diddaa uummataa ka’umsa irraa basaasanii fi sochii waraana bilisummaa Oromoo eeruu fidan irratti leenjii kennaafii jiru.
Leenjiin ammayyuu kan hin xumuramne yoo ta’u, dargaggoota irraa jalaan goyomsanii galchuun leenjisaa jiru.Leenjii kana irratti daballummaa leenjisuun cinaatti namootni kun hawaasatti gadi bu’uunis uummatni akka bilxiginnaa fudhatuu fi miseensa isaa akka ta’uuf xiyyeeffannoon akka irratti hojjetan kallattiin kennameeraaf.
