• Sun. Oct 1st, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa godina lixa Shaggar aanaa Ilfataatti nama nagaa manaa baasuun ajjeesan

Jan 30, 2023

ONM-ABO Amajji 30, 2023 Murni faashistii PP waraana aangoo siyaasaa isaa tiksaniif Oromiyaa keessatti bobbaasuun uummata Oromoo qe’ee isaanii irratti ajjeesuu itti fufee jira. Dheengadda Amajjii 28, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Ilfataa ganda Sinaanii Lukkuu bakka addaa Qolaadiitti nama nagaa manaa baasuun ajjeesan.

Ilmi Oromoo qe’ee isaa irratti badii tokko malee ajjeefame kun maqaan isaa Guddataa Kabbadaa yoo ta’u, abbaa maatii ti.

Waraanni murna faashistii PP obbo Guddataan badii qabaatanii osoo hin taane, waan Oromoo ta’e qofaaf jiraachuun yakka itti ta’ee akka ajjeesan jiraattotni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply