• Thu. Apr 25th, 2024

Murni bilxiginnaa godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo keessatti mana dhuunfaatti namoota nagaa hidhaa jiraachuun barame

Jan 30, 2023

ONM-ABO Amajji 30 2023 Waraanni murna bilxiginnaa erga godina Qellem Wallaggaa aanaa Anfilloo mooraa magaalaa Muggii keessaa rukutamee ba’ee, humna daboo aanaalee fi federaalaa irraa waammachuun deebi’een booda manneen nama dhuunfaa osoo hin hafin namoota jumlaan qabanii itti hidhaa jiru.
 
Torbee darbe keessa namoota hedduu magaalaattii keessaa isintu Waraana Bilisummaa Oromoo fidee nu rukuchiise, ni nyaachiftanii fi qabeenya murna bilxiginnaa dhuunfachiiftan jechuun qabanii hidhanii jiru.
 
Namootni hidhaman kunneen manneen namoota osoo hin hafin keessatti ugguramanii jiru.
Manneen namootaa mana hidhaa godhachuun waraanni murna bilxiginnaa itti tajaajilamaa jiru keessaa tokko mana abbaa qabeenyaa magaalichaa Obbo Ismaa’el Aashim yoo ta’u, mana kana osoo abbaan qabeenyaa diduu humnaan akka itti galan maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading