• Thu. Mar 23rd, 2023

Godina baha Harargee aanota Naannawaa Gaara Mul’ataa jiran keessatti waraanni  murna bilxiginnaa  uummata Shororkessuu jabeessan

Jan 30, 2023

ONM-ABO Amajji 30 2023 Waraanni taayitaa Abiy Ahimed tiksuuf irriba dhabu sochii Waraana Bilisummaa Oromootu aanotaa fi gandoota keessatti mul’ate jechuun uummata nagaan dalagaa isaa irra oolu goola.

Maqaa WBOtu Jimaata darbe Amajjii 27, 2023 godina baha Harargee aanaa Qarsaa magaalaa Watar keessatti argame jechuun shororkaa’anii uummatas jeeqaa oolan.

Aanota Gaara Mul’ataa marsanii jiran aanaa Qarsaa, Kurfaa Callee, Guraawaa fi Baddannoo keessatti uummata jeequu fi karaa irratti reebuun jiruu itti hammeessan.

Guyyaa dheengaddaa magaalaa Baddannoo Keessatti Konkolaachisaa maqaan isaa Naa’ulee Abdallaa jedhamu miseensa WBOti jechuudhaan mana isaatii fuudhanii reebuun mana hidhaatti darbatan.

Sodaa Waraana Bilisummaa Oromootu dhufeen poolosootni, milishootni fi warreen gaachana sirnaa ofiin jedhan sabboontota ilmaan Oromoo fi abbootii qabeenyaa hidhaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply