• Fri. Apr 26th, 2024

Miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 godina baha Wallaggaa, lixa Wallaggaa fi lixa Shaggar keessatti WBOtti harka kennatan

Jan 30, 2023

ONM-ABO Amajji 30, 2023 Sirna kufaa jiru goyomsaan dhiiga, lafee fi lubbuu isaaniin tiksaa kan turan miseensotni waraana bilxiginnaa sabaan Oromoo ta’an, sirna badii kana irratti dammaquun aarsaa gatii hin qabne hin kafallu jechuun sirnicha gananii ba’uu itti fufan.

Haala kanaanis sirni bilxiginnaa farra ilmaan Oromoo ta’uu hubachuun saba ofiitti hin dhokaasnu jechuun miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 6 godina lixa Shaggar, lixa fi baha Wallaggaa keessatti gooticha Waraana Bilisummaa Oromootti harka kennatanii jiru.

Ilmaan Oromoo kunneen qawwee AKM Turkii fi kilaashii raashiyaa walumatti 6, boombii harkaa 4, rasaasa 1200, fi hidhannoo 6 mooraa diinaa keessaa baasuun mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo ittiin gabbisanii jiru.

Ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii turan kun sirnicha tajaajilaa turuuf gaddanii, waan danda’aniin lubbuu isaanii osoo hin qusanne qabsoo bilisummaa Oromoo cinaa akka dhaabbatan ibsaniiru.

Dhuma irrattis ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’anii yeroo ammaa tajaajilaa jiran sirnicha ganuun qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti akka harka kennatan dhaamsa dabarsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading