ONM-ABO Amajji 30, 2023 Murni aartistoota Oromoo ajjeesuu, qe’ee abbaa isaanii irraa godaansisuu fi qabee hidhaan dararuu bare, hojii isaa idilee itti fufuun baha Shaggar bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessaa aartistii Oromoo tokko qabanii hidhuun maatiin achi buutee isaa dhabe Arsii baha Aanaa Heexoosaa keessatti argame.
Murni aartistoota qaalii dantaa Oromoo hin sharafnee fi quuqama saba isaanii kallattii aartiin ibsatan qabe hidhu bulchiinsa magaalaa Adaamaa keessatti aartist Sooninaaf Adam qabanii achi buutee erga dhabamsiisaniin booda buufata poolisii aanaa Heexosaa magaalaa Itayyaa keessatti argamuu hiroyootni isaa ni dubbatu.
Aartistii kana buufata poolisichaa keessa bifa imaanaa jedhuun kan kaa’atan murni bilxiginnaa guyyaa har’aa Amajjii 30,2023 achii baafamee gara birootti akka geeffamu odeessi nu ga’e ni addeessa.
Aartistoota miidhaa saba isaanii irra ga’aa jiru obsuu dadhabuun aartiin ibsatan cufa adamsee kan hidhu murni kun, erga aangootti ol dhufee aartistoota jajjaboo kanneen akka Haacaaluu Hundeessaa fi Daadhii Galaan ajjeesuun hedduu ammoo hidhaaf saaxilee jiraachuun ni beekama.