• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina lixa Shaggar aanaa Dandii keessatti waraanni murna bilxiginnaa manneen namootaa guban

Jan 31, 2023

ONM-ABO Amajji 31, 2023 Murni diddaa uummataa Oromoo karaa nagaa furuu hin feenee fi lola waraana bilisummaa Oromoo afaan qawween dadhabe bilxiginnaan uummata Oromoo utubaa waraanichaa isintu ta’e jechuun miidhaa qaamaa, qalbii fi qabeenyaa irraan ga’uu itti fufee jira. Haala kanaanis Amajjii 27, 2023 godina lixa Shaggar aanaa Dandii ganda Daannisaa Shoonnoo jedhamtu keessatti manneen qonnaan bultootaa 5 ol abidda itti kaa’uun barbadeessan.Manneen gubatan kan gatii olaanaan dhagaa fi bifa ammayyaan ijaaraman akkasumas meeshaaleen mana keessaa hedduun osoo hin ba’in walumaan gubatanii dha. Ganda Daannisaa Shoonnoo keessatti waraanni bilxiginnaa uummata hojii isaa idilee hojjetatuun WBO nyaachiftuu fi karaa itti agarsiistu jechuun gocha isaanii malee waraanni farra uummataa kun sobaan yakkanii manneen namootaa barbadeessuun mana maleeyyii gochuu isaanii jiraattotni gandichaa mufachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ona Dandii gabaasaniiru.

Leave a Reply