ONM-ABO Amajji 31, 2023 Duula daangaa babal’ifannaa, saamicha qabeenyaa akkasumas Seenaa abboota keenya durii deebifanna jechuun finxaaleyyoonni Amaaraa dangaa Oromiyaa kanneen akka Baha Wallaggaa, Horro Guduruu Wallaggaa, Walloo fi Karrayyuu irratti taasisaa turaniin lubbuun namoota hedduu dabarsuu bira darbee hanga morma muruu fi nama fayyaa qabu ibidda keessa buusanii ajjeesuutti ga’anii jiru.
Kaaba Oromiyaa, Godina Walloo aanota garaagaraa keessatti duulli mootummaa naannoo Amaaraan Oromoo Walloo irratti labsame, otoo wal irraa hin citin guyyoota 7 guutuu deemsifaa kan ture yoo ta’u, dubartootaa fi daa’imman dabalatee, namoonni hedduun lola kana irratti lubbuun darbuu fi qabeenyi uummataas barbadaa’eera. Duula kana kallattiin ergama mootummaa Naannoo Amaaraa irraa fudhachuun adda durummaan raawwataa fi raawwachiisaa kan turan ergamtootaa fi dabballoota PP godina Walloo magaalaa Kamisee bakka Ashawaa jedhamu irraati. Namootni kunis 1. Najib Aadam2. Ahmad Mahaammad Said3. Abdallaa Hasan4. Huseen Muusaa Ahimaduu5. Usmaan moomad dimaayoo ta’an, bakka Luxee jedhamu irraas6. Zeyid Abduu Huseen, akkasumallee bakka Qalloo jedhamu irraas namoonni7. Awwaqee nama jedhamu dhalataa amaraaraa kan ta’eefi8. Ahimad Nuuruu Muusxafaaakka ta’an jiraattonni godinichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. Jarreen kun armaan duras Oromoota Walloo irratti mana diigsisaa kan turanii fi namoota lola ammaa kana irratti madaa’anis yaalaa akka hin arganne gochaa turuus dabalanii himaniiru.

