ONM-ABO Amajji 31, 2023 Karaa tokko abaaf dhaabbanna jechaa miidiyaan ololaa faallaa jechaa isaanii kan deeman dabballoonni sirni bilxiginnaa, waraana isaanii namusaa fi maalummaa uummataa hin beekne saamicha irratti bobbaasuun jiraattoota ona Jaarsoo gara ona Lataa Sibuu deemuun daldalatanii jiraatan kaabinoonni ona lamaanii walii galuun qabeenyaa Uummaata saamsisaa jiru.
Namootni qabeenyaan jalaa saamame Tasfaaye Dinqaa Daldalaa Midhaanii Taammiru Kumarraa qote bula midhaan gurgurachuuf gabaa deemaa ture, namni sadaffaan kan maqaa hin arganne Sangaa gurguratee osoo galuu fi jiraattoota ona Jaarsoo ganda Odaa Gaanqaa irraa ona Lataa Sibuu magaalaa Warra Jirruu keessaatti saamuun isaanii barameera.
Amajji 14, 2023 Tilmamaan maallaqa 35,920 kan saamaan yoo ta’u torbee darbee irraa eegalanii uummaata nagàa dhorkachuun dararaa akkan cimaa irratti raawwachaa jiraachuu kan nuuf himan jiraattoota ona lammeeniiti.


