• Wed. Nov 29th, 2023

Godina Lixa Wallaggaa ona Jaarsoo fi Lataa Sibuu keessatti waraanni  bilxiginnaa waliin ta’uun daldaltoota wal keessa deemuun daldalatanii jiraatan qabeenyaa saamuun barame

Jan 31, 2023

ONM-ABO Amajji 31, 2023 Karaa tokko abaaf dhaabbanna jechaa miidiyaan ololaa faallaa jechaa isaanii  kan deeman dabballoonni  sirni bilxiginnaa, waraana isaanii namusaa fi maalummaa uummataa hin beekne saamicha irratti  bobbaasuun jiraattoota ona Jaarsoo gara ona Lataa Sibuu deemuun daldalatanii jiraatan kaabinoonni ona lamaanii walii galuun qabeenyaa Uummaata saamsisaa jiru.

Namootni qabeenyaan jalaa saamame Tasfaaye Dinqaa Daldalaa Midhaanii Taammiru Kumarraa qote bula midhaan gurgurachuuf gabaa deemaa ture,  namni sadaffaan kan maqaa hin arganne Sangaa gurguratee osoo galuu fi jiraattoota ona Jaarsoo ganda Odaa Gaanqaa irraa  ona Lataa Sibuu magaalaa Warra Jirruu keessaatti saamuun isaanii barameera.
 
Amajji 14, 2023 Tilmamaan maallaqa  35,920  kan saamaan yoo ta’u torbee darbee irraa eegalanii uummaata nagàa dhorkachuun dararaa akkan cimaa irratti raawwachaa jiraachuu kan nuuf himan jiraattoota ona lammeeniiti.


 
 

Leave a Reply