ONM-ABO Amajji 31, 2023 Waraanni impaayerattii diigameera yeroo jedhamaanii turetti, waggaa lamaan dura raayyaa impaayerattii saamii gadittii fi lafaa olitti akka hin raafamnetti ijaarreerra jechaa kan ture mataan nafxanyootaa Abiy Ahimed, waltajjii barsiisota yuuniversitii irratti argamuun torbee darbe raayyaan impaayerattii diigamaa jiraachuu dubbateera.
Dhugaa kana kan mul’isuu miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii carraa argataniin tarsiimoo sirnichi baasee ittiin saba fixaa jiru mormuun keessaa ba’aa jiru.
Dheengadda Amajjii 29, 2023 godina baha Wallagaa aanaa Saasiggaa keessaa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 10 sirnicha ganuun qawwee fi hidhannoo guutuun WBOtti makaman.
Miseensotni kunneen harki caalaan mooraa leenjii Bulbulaatti marsaa 3ffaaf namootni 8,000 ol seenuun 1000 ol baduunii fi keessaa ajjeefamuun yoo hir’atan loltoota 7000 leenjii xumuranii loltoota Tigraay irraa deebi’an waliin walitti makamuun bobbaafaman keessatti kan argaman ta’uu ibsan.
Gaaffii fi deebii Arraata Biyyoolessa Oromiyaa waliin taasisaniin sirnichi ilmaan Oromoo achi keessa jiran du’uu isaanii malee gaaffii gaafachuu isaanii akka hin feene kan dubbatan, qawwee baannee garboomuu irra gocha badii saba keenya irratti dalagneef dhiifama gaafannee biyyoo fi biyya keenyaaf alaabaa jaal’atamtuu onnee sabaa keessa jirtuuf du’uu wayya jennee bane jedhan.
Maayii irrattis ilmaan Oromoo sirnichi harka duwwaa qawwee malee magaalaa keessa si deemsisuuf hojjechuu irraa haala argatteen qawwee sirnichaa qabachuun gara gaachana sabaa, WBOtti akka harka kennattan jechuun dhaamsa dabarsaniiru.