• Sun. Oct 1st, 2023

WBOn zoonii bahaa godina lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti tarkaanfii fudhachuun diina du’aa fi madoon adabe

Jan 31, 2023

ONM-ABO 31 Amajjii 2023 Gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo WBOn zoonii bahaa godina lixa Harargee aanaa Mi’eessoo keessatti kaleessa tarkaanfii fudhateen du’aa fi madoon adabee jira.

Kaleessa Amajjii 30 aanaa Mi’eessoo naannoo Gaara Asaboot Sorraa, Gaara Jamaanii fi Doddotaa lafa kiiloomeetira 10 uwwisu keessatti tarkaanfii ganama hanga waaree booda sa’a 8:00tti geggeeffameen loltoota bilxiginnaa 50 ol ajjeesuun madoo ambulaansii shaniin akka kaafatan taasiseera.
Guyyaa har’a waraanni faashistii PP bakkichatti deebi’uun loltoota isaanii WBO baqachuun hallayyaatti kufan caccaboo isaanii kaafachuun fe’atanii jiru.

Tarkaanfii kanaanis qawwee AKM 10 fi meeshaalee waraanaa garaagaraa irraa hiikuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolchanii jiru.

Akka hogganni WBO zoonichaa jedhanitti tarkaanfiin qe’ee Elemoo Qilxuutti jabaatee akka itti fufuu himuun uummatni baha Oromiyaas seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti ga’ee armaan dura ba’an bara kanattis dachaan shoora isaanii taphachuun sirna jiraachuu uummata Oromoof farra ta’e akka buqqa’uuf WBO faana hiriiruu qabu jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply