ONM-ABO 1 Guraandhala, 2023 Bu’aa qabsoo uummata Oromoo butuun kan aangootti dhufe sirni bilxiginnaa, erga barcuma aangoo isaa sirreeffatee qeerroowwan Oromoo akka bineensaa adamsuun Oromiyaa keessatti guyyaa guyyaan dhiiga isaanii dhangalaasaa oola.Dilbata darbe Amajji 29, 2023 ona Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Sacciitti qeerroo maqaan isaa Damee Oljirraa jedhamu waraanni maafi’aa PP qabanii erga dararaa irratti raawwataniin booda ganduma sana keessatti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatan. Itti dabaluunis hojjeettootuma sirnichaan isin yaadan waraana bilisummaa Oromoo deggertu jechuun waraana isaanii itti baasanii dirqiin qabuun akka waanta misoomatti babbaasan fakkeessuun guyyaa guutuu lafa soqsiisaa oolu.Bakka adda ganda Gomboo jedhamuun beekamu magaalaa Qilxuu Kaarraa irraa fageenya xiqqoo kan qabdutti bobbaasuun dararaa akka oolan odeessi achi nu ga’e ni addeessa.

