• Tue. Dec 5th, 2023

Haleellaa laaleessaa WBOn waraana bilxiginnaa godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa irratti taasiseen reeffa kaafachuu dadhabuun bineensi nyaate

Feb 1, 2023

ONM-ABO 1 Guraandhala 2023 Duula bifa haaraan murni faashistii Itoophiyaa Waraana Bilisummaa Oromoo  godina Gujii Lixaa keessaa baasuuf labseen itti milkaa’uu dadhabuun awwaalcha malee hafaa jiru.
 
Duula hogganni waraana bilxiginnaa Jeneraal Biraanuu Juulaa osoo hin hafin godina Gujii Lixaa keessatti eegalchisaan gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo akka dansaa qolachuun reeffa bilxiginnaa allattii sooraa jira.
 
Tarkaanfii jabaa WBOn Amajjii 27, 2023 ona Bulee Horaa ganda Gaadduu Yaabaa Sireetti tiksitoota impaayerattii irratti fudhatee injifannoo galmeesseen reeffi waraana bilxiginnaa osoo hin ka’in hafee jira.
 
Hanga gabaasni kun qindaa’etti ganda Gaadduu Yaabaa Siree keessatti reeffi bakkee irra jiru bineensa bosonaa fi allaattiin nyaatamaa jiraachuu fi hawaasni ba’ee naannoo isaa qulqulleeffachuuf sodaatee jiraachuu jiraattotni dubbatu.
 
Murni kufaa jiru ilmaan hiyyeessaa humnaa f goyomsaa qabee leenjii waraanummaa kennuufiin ol adeemtota hedduu maatiin itti abdatu qoraan abiddaa gochuun aangoo Abiy Ahimed tiksuuf hojjechaa jiraachuun ni beekama.
 
Haa ta’u malee dhumaatiin ilmaan hiyyeessaa aangoo siyaasaa Abiyyiin tiksuuf taasisaa jiran impaayerattii keessatti waggaa shan guutuu dhumaatii lubbuu namaa fi qabeenyaa qofa argamsiisuun faayidaa siyaasaa mul’atu tokkollee fiduu hafuu isaa irraa barachuun fala biroo barbaadaa akka hin jirree adeemsa isaanii irraa hubachuun ni danda’ama.
 

Leave a Reply