• Sun. Oct 1st, 2023

Naannoo Beenishangul Gumuz ona Toongoo keessati maqaa waraanaa bilisummaa Oromoo deggertu jedhuun murni bilxiginnaa manneen hawaasa Oromoo shan gubuun barbadeessan

Feb 1, 2023

ONM-ABO 1 Guraandhala 2023 Sirni bilxiginnaa uummata Oromoo daangaa isaanii keessa seenuun qabiyyee naannoolee ollaa Oromotti jala galchaa fi saboota itti dammaqsuun gariin samsiisaa, ajjeesisaa akkasumas manneen isaanii guba gadaa aangoo isaa dheerefachuuf tirgaa siyaasaa taphachuu itti fufee jira.
 
Haaluma kanaan Amajji 29,2023 Naannoo Beenishangul Gumuz ona Toongoo ganda Yaa’aa Masaraa keessatti manneen namoota shanii sababuma Oromoo ta’aan qofaaf mirga namoomaa  irraa mulquun manneen isaanii qabeenya guutu waliin  guban.
 
Namootni manni isaa waraana murna abaaramaa bilxiginnaan jalaa gubate maqaan  isaanii Haaruun Jeeylaan, Abdulkariim Adam, Abdulbaaree Mohammed, Adam Galchoo fi Adam Sayid kanneen jedhaman ta’un barameera.
 
Sirnoota darban irraa kaasee moototni impaayera Itoophiyaa bulchan cufti daangaa Oromiyaa saboota biroof kutanii kennaa fi achittis maqaa Oromummaan ajjeesisaa kan turan yoo ta’u har’as aanaa Toongoo keessatti  sababuma Oromoo ta’an qofaaf ajjeechaan, saamichii fi manneen gubuu irratti raawwachaa turan har’as bara koloneel Abiy Ahimed jabaatee itti fufee jiraachuun ragaan aanicha irraa arganne ni addeessa.

Leave a Reply