• Sat. Sep 23rd, 2023

Irree fi abdiin uummata  Oromoo WBO zoonii giddu galaa Lola Amajjii 28- 31 Lixa Shaggar Aanaa Ilfataa fi Gindabaratitti loleen injifannoo dachaa goonfateera

Feb 1, 2023

ONM-ABO 1 Guraandhala 2023 Amajjii 28, 2023 Aanaa Ilfataa ganda Sinaanii lukkuu bakka addaa Walisootti uummata dararuuf kan yaate haxxee jajjabee cibraa Migira Bakkee seenuun 7 biyyoo yoo ciniintu 5 madoon adabamteetti. Guyyaadhuma kana aanaa ilfataa ganda Hidhabuu Sandii bakka addaa Sandiitti 3 rasaasa BM yoo liqimsitu 2 madoon adaba argatteetti.

Amajjii 29, 2023 Sochiin cibraa Migira Bakkee itti fufuun Aanaa Ilfataa ganda Somboo Cittuu bakka addaa Heerootti mana Uummata 25 ol guggubdee osoo deebituu haxxee jajjabee seenuun 14 achumatti awwaallachiise 9 madoo haammachiise galcheera.

Amajjii 30, 2023 Aanaadhuma Ilfataa ganda Ittisaa Koyyeetti Lola gaggeeffameen ergamtoota Abiy Ahmad uummata dararuuf baate 19 battala yoo ol ergu 13 ambulaansi lamaan mana yaala magaala Aanaa Ilfataa keessa jiraniif gumaacheera

Amajjii 31, 2023 lolli guddaan aanaalee lama keessatti kan gaggeeffame yoo ta’u Aanaa Ilfataa ganda Dirree Bareedaa mana Barumsaa ganda sanaa keessa qubachuuf kan dhufte ergamtoonni PP rasaasa WBOn machaa’anii kan du’e irraa meesha fudhattee, madoo harkifattee dachaate jirti. Lola kanaan ergamtoota PP baqaan lubbuu isaani oolchatan malee namootni 12 battalatti yoo duutu madoo 9 harkisanii deebi’an. Aanaadhuma ilfataa ganda Faallicha bakka addaa Siree Gimbiitti Ooraali waraana baatee deemu haxxee seensisuun 7 battala yoo ajjeesu 5n madoon adabeera.

Amajjii 31, 2023 Aanaa Gindabarat gandoota akka Gurraa Jarjaraa fi Dirree Faajjii keessa qubattee kan jirtu sa’aati booda sa’aati 9:30-galgala keessa sa’aati 2:00tti jajjabeen cibraa Maammoo Mazamir itti cabsuun gandoota kana keessa buqqiseera. Lola kanaan namootni 112 ta’an battala yoo du’an namootni 71 madoon adabamteeti. Kana malees namootni 21 harkaan yoo qabaman meeshaalee waraana garagaraa, rasaasa, Boombii, Hidhannoo fi meeshaaleen qunnamtii hedduun mooraa qabsoo Oromoof galii ta’eera.

Suuraa fi suur sagalee akkuma nu qaqabeen isiniin geenya!

Injifannoon Uummata Oromoof!

Leave a Reply