• Sun. Oct 1st, 2023

Booji’amtootni waraana bilxiginnaa godina Gujii lixaa aanaa Bulee Horaa lola isaan hin ilaallannetti murna bilxiginnaan bobbaafamanii miidhaa irra ga’aa jiruuf gadduu dubbatan

Feb 3, 2023

ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Goyomsaa fi dirqiin bakkoota adda addaa irraa qabamanii leenjii waraanummaa fudhachuun aangoo Abiy Ahimed tiksuuf ilmaan Oromoo bobbaafaman gariin ajjeefamaa, qaamaa hir’achaa fi gooticha Waraana Bilisummaa Oromoon booji’amaa jiru.
 
Booji’amtootni  waraana bilxiginnaa lola guyyaa dheengaddaa Guraandhala 1, 2023 godina Gujii Lixaa aanaa Bulee Horaa keessatti ta’een harka WBO galan 240 gocha badii murni bilxiginnaa isaanii fi warreen achi keessatti hafan akkasumas ajjeefaman irratti raawwachaa tureef gadduun sirnichi farra dhala namaa ta’uu ibsuun balaaleffatan.
 
Booji’amtootni kun lola kaaba impaayerittii irrattis hiriyootni isaanii hedduun waan bu’aa hin qabnee fi aanga’ootni siyaasaa guyyaa muraasa keessatti harka wal qabuun xumuraniif ajjeefamuu ibsuun, ammas sirnichi dheebuu aangoo isaaf qofa akka waan Oromiyaa keessatti Waraanni Bilisummaa Oromoo ajandaa biroof lolutti kijibaan akka isaan bobbaasee dubbatu.
 
Waanti bilxiginnaan jedhuu fi Oromiyaa keessatti argine adda dha kan jedhan booji’amtootni kun deggersa uummataanis ta’ee meeshaa fi haamilee lolaan WBO dura dhaabbachuun ni ulfata jechuun ibsan.
 
Nutis lolatti seennee osoo hin turin hiroyootni keenya hedduun nu biraa waan ajjeefamanii fi kutaan waraanaa nu bobbaase guutuutti waan manca’eef Waraana Bilisummaa Oromoon booji’amne jechuun, erga booji’amanii sirnaan qabamaa akka jiran akkasumas rakkoo biroon akka irra hin geenye Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himuun ilmaan Oromoo achi keessatti hafan yeroodhaan akka falatan dhaamaniiru.

Leave a Reply