ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Ilmaan Oromoo ilaalcha siyaasaan yakkamanii buufata poolisii aanaatti hidhamaa turuun murtoo ragaa sobaan deggerameen mana adabaa godina Qellem Wallaggaa magaalaa Dambii Doolloo keessatti argamu keessaa guyyaa kaleessaa gadhiifaman deebi’anii hawaasa isaanii arguutti gammadan.
Kaleessa Guraandhala 2, 2023 tarkaanfii gootichi Waraana Bilisummaa Oromoo magaalaa godinichaa keessatti fudhateen hidhamtootni siyaasaa fi murtoo dabaan mana adabaatti waggaa 1 hanga 25tti itti murtaa’ee ture kun yakki guddaan achi keessatti irratti raawwachaa turuu himuun, achi keessaa WBOn guyyaa tokko dhufee akka isaan bilisoomsu eeggachaa turuu dubbatu.
Waraana Bilisummaa Oromoo deggertaa fi mattaa’aadhaan shiraan kan hidhamaa turan ilmaan Oromoo kun rakkoo hamaa sana keessaa ba’anii ifa arguun hawaasatti makamuu isaaniif gocha WBOn godheef galateeffataniiru.
Murni humna qeeransichaan bakkayyuu laaffate bilxiginnaan mana adabaa keessatti gumaa waraana keenyaa isin ajjeesnee baafanna jechuun itti dhaadataa akka ture himan.
Dhuma irrattis hidhamtootni gadhiifaman kun hawaasni Oromoo nagaan jiraachuuf murni bilxiginnaa hundeen buqqa’uu waan qabuuf waan qabnuun tokkummaan kaanee falmachuu qabna jechuun dhaamaniiru.