ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Murni bilxiginnaa waanta qabee gad dhiisuu wallaalee kutaalee Oromiyaa cufa irraa mormii isa mudatee dinagdee fi siyaasaa harkatti dhadhabsiisaa jiru irra aanuuf maqaa ilaalcha faalla siyaasa bilxiginnaa deemtu jedhuun hidhee dararuu akkuma itti fufetti jira.Godina Arsii bahaa ona Xiyyoo gandoota garaagaraa irraa badii tokko malee qabuun buufata poolisii magaalaa Asallaa jirutti erga dararaniin booda maallaqa 20,000-30,000 kafalchiisuun kan gadhiisan yoo ta’u, warreen kaan ammoo mana hidhichaa baasuun achi buutee dhabamsiisu.Namoota mana hidhaa keessaa baafamuun dhabamsiifaman maqaan isaanii Qaafiyyoo Dhaqaboo ganda Murtichaa Qobboo irraa fi Abdurkariim Kamaal ammoo Torban Uushoo irraa ta’un barameera.Jiraattoota ganda Aboosaraa Alkoo irraa qabuun hidhan ammoo hanga hamaattii hidhanii osoo hin gadhiisin dararaa jiru.Namoota mana hidhichaatti rakkachaa jiran keessaa maanguddoo Kamaal Gammadaa jedhaman dhukkubsatanii hanga hammaatti yaala malee jiraachuu fi dhukkuboota akka Sukkaaraa, dhibbaa dhiigaa fi guraacha waan qabaniif haalli fayyaa isaanii yaaddessaa ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
