• Mon. Mar 27th, 2023

Murni bilxiginnaa godina kaaba Shaggar aanaalee garaagaraa fi baha Shaggar Fantaallee hidhamtoota mana hidhaa baasuun achi buutee dhabamsiisan

Feb 3, 2023

ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Murni impaayera Itoophiyaa akka bulchaa jirutti dubbatu bilxiginnaan ilmaan Oromoo  ilaalcha siyaasaa yakkuun hidhee dararaa, mana hidhaatii baasee ajjeesaa, keessaa adda waraanaatti ergaa fi mana hidhaa baasee dhabamsiisu, hojii yeroo aangootti dhufe eegale har’as cimsee itti fufee jira.

Haaluma kanaan sirni uummata Oromoon balfame kun hidhamtoota siyaasa aanaalee godina kaaba Shaggar  keessa jiran irraa qabamanii hidhaman bakki isaan geeffaman hanga amnaatti maatiitti hin himamin jira.
Aanaa Warraa Jaarsoo irraa namoota 237, Kuyyuu irraa 360, Hidhabuu Aboote 290, Dagam 215 akkasumas Yaayyaa Gullaallee irraa namoota 25 mana baasuun dhabamsiisanii jiru.

Oduma wal fakkaatuun godina baha aanaa Fantaallee keessatti ilmaan Oromoo kanaan dura WBO waliin hariiroo qabdu jedhamuun Baatii tokkoo oliif mana hidhaa Mataa-Haaraa jiru keessatti dararamaa turan Wiixata darbee mana hidhichaa keessaa baafamuun dhabamsiifamanii jiru.

Hidhamtootni manneen hidhaa godinaalee keessaa baafaman kun mooraa leenjii Sanqalleetti geeffamaa akka jiran keessa beektotni dubbachuun, namoota  achitti geessan kana Waraana Bilisummaa Oromoo boojineef leenjii laannee gadhiifne jechuun diraamaa siyaasaa hojjeechuuf akka jiran dabaluun ibsaniiru

Leave a Reply