ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Dantaa dhuunfaa isaanii dursuun kan beekaman ergamtoonnii fi tiksitoonni impaayera itoophiyaa maqaa Uummata Oromoo Booranaa Hongee ykn bonaan miidhamanii jiraniitiin daldala guddaatti jiraachuu keessa beektonni dubbatu.
PP’n godina booranaa Ummata hongeen miidhame gargaarra jechuun hojjettoota mootummaa, daldaltoota akkasumas afooshaalee garaagaraa irraa qarshii walitti qabuun dhimma dhuunfaaf oolfachaa jiru. Haaluma kanaan baatii 3 dura godina Booranaa, aanaa Miyootti maqaa deggarsa uummatatu hongeen miidhamee jedhuun miindaa hojjattoota mootummaa aanichaa irraa 50% qarshii miliyoona 6.5 fi daldaltoota irraa immoo miliyoona 1.5 walumaagalatti qarshii miliyoona saddeet (8,000,000) walitti qabanii turuu fi qarshiin sassaabame kun osoo sababa walitti qabameef irra hin oolin dantaa kaabinootaa oolee jiraachuu oduun keessoo bilxiginnaa ona Miyootii ba’e ni addeessa. Kun osoo kanaan jiruu warrii safuu fi qaanii hin beekne kun ammas qarshii walitti qabachuuf maqaa deggarsa uummataa jedhuun hojjattootaa fi daldaltoota mariisifna yoo jedhan, hojjatootni qarshii duraatuu nu fidaa, kanaan booda harka keessanitti qarshiin nuti baafnu hin jirtu jechuun wal diddaa cimaa agarsiisaa jiru. PP’n immoo dirqamaan akka guurrattu hojjatoota doorsiisaa jiraachuu fi daldaltoonnis kanaan booda uummata keenya yoo gargaarres ofuma keenya koree filannee gargaarra malee harka keessanitti hin kenninu jechuun didaa jiraachuun beekameera. Torbee darbe kanas deggersa bakka biraatii namoonni walitti qaban namni maqaan isaa injinar Daniel Gammadaa jedhamu fuudhee deemnan beekamtii keenya malee ofii fidde, ofii keenya malee qaamni biroon hin raawwatu jechuun hidhanii turuu gabaasne turre.

