ONM- ABO Guraandhala 3, 2023 Duula sakata’insaa jechuun waraanni murna bilxiginnaa bobbaa’an aadaa, safuu fi amantaa sabichaa cabsuun miidhaa geessisaa jiru.
Waraanni safuu fi seeruma ni kabachiifna jedhanii bobboofaman hin kabajne finxaaleyyii Amaaraa waliin ta’uun awwaalcha namoota nagaa kan maatii miseensota waraana bilisummaa Oromootii fi deggertoota isaaniiti jechuun boolla keessaa baasanii gatan.
Gocha kanas kan raawwatan godina baha Wallaggaa ona Haroo Limmuu ganda Dambii Guddinaa jedhamu keessatti yoo ta’u, awwaalcha lama kan diiguun hawaasa rifachiisanii jiru.
Taateen aanaa Haroo Limmuu keessatti Amajji 20, 2023 raawwate safuu, aadaa fi amantaa hawaasichaa kan cabse ta’uu jiraattotni dubbachuun sirni faashistii hojii diinummaa hojjetu kana irraa akka waan gaarii hin eegnu himan.
Murni reeffa awwaalaa baasee gatu, bakkoota tokko tokkotti ammoo ajjeesuun reeffa uummata dhorkatanii bineensa nyaachisaa jiraachuun ni beekama.