ONM-ABO 4 Guraandhala 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn tarkaanfii qindaa’aa waraana bilxiginnaa irratti fudhachuu itti fufuun godina Qellem Wallaggaa keessaa har’as aanaa tokko dhuunfate.
Tarkaanfii ganama har’aa Guraandhala 4, 2023 sa’a 12:00 irraa qabuun aanaa Yimaaloogii Walal mooraa waraana bilxiginnaa magaalaa Tajjoo keessa jiru irratti rasaasa itti roobsee baarudaan macheessuun aanicha keessaa gugsee baasee gara aanaa Hawwaa Galaniitti galchaa jira.
Tarkaanfii baaragsaa aanaa magaalaa Dambii Doollootti dhiyoo taate irratti fudhatamee kanaan hanga ammaatti bireena 3 qawwee AKM 70, rasaasa hedduu, jorooroo bireenaa 4 fi meeshaalee garaagaraa dugda diinaa irraa hiikee jira.
Loltootni bilxiginnaa ajjeefamanii fi madaa’anis hedduu yoo ta’u qabeenyi bilxiginnaa hedduunis barbadaa’ee, hidhamtootni siyaasaas gadhiifamaniiiru
Gabaasa Guutuun walitti deebina.
Injifannoon Uummata Oromoof!