• Wed. Nov 29th, 2023

Murni bilxiginnaa dargaggoota Oromoo badii malee hidhee jiru godina lixa Shaggar aanaa Ilfataa keessaa baasuun leenjiif fe’e

Feb 6, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 6, 2023 Murni lola mo’achuu hin dandeenyetti seenee lubbuu fi qabeenyaa balleessaa kan jiru bilxiginnaa loltoota armaan dura goyomsaa fi dirqiin leenjii kenneefii bobbaaseen cinaatti waraana dabalataaf dargaggoota mana hidhaa jiran humnaan leenjiitti guuraa jira.
 
Torbee darbe keessa lixa Shaggar aanaa Ilfataa magaalaa Bakkee mana hiidhaa keessaa dargagoota lakkoofsaan 50 ta’an halkan humnaan kutaa itti hidhamanii jiran keessaa baasuun humnaan gara mooraa leenjii geessan.
 
Dargaggootni kun badii isaanii malee maqaa hidhata waraana bilisummaa Oromoon yakkamanii hidhaa turan.
 
Dargaaggoota kana keessaa kan maqaa arganne, Jamamaa Tankaraa, Shallamaa Lachiisaa fi  Ayyaansaa Gaaddisaati.
 
Dargaggoota kana aanaa Ilfataa irraa qorannoo fayyaaf magaalaa Amboo geessuun achi irraa akka mooraa leenjii waraana bilxiginnaatti fe’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply