• Sat. Sep 23rd, 2023

Godina lixa Wallaggaa aanaa Qondaalaa keessatti waraanni bilxiginnaa namoota sadii ajjeesuun hedduu hidhaan dararaa jiraachuun barame

Feb 6, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 6, 2023 Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo ajjeesuu fi hidhuun aangoo irra bubbuluuf karoorfatee hojjechaa jiru, hojii jibbiinsa Oromummaa isaa kana itti fufuun ona Qondaalaa keessatti hidhaa fi ajjeechaan uummata uummata dararaa jiru. Dheengadda Gurraandhala 4, 2023 godina lixa Wallaggaa ona Qondaalaa ganda Ashunfaa bakka addaa Laga Baddeessaa jedhamtutti namoota sadii ajjeessan. Namootni waraana bilxiginnaa kanaan ajjeefaman kun Sheek Hasan Qeedee ajjeesuun midhaan keeshaa 50 jalaa gubuun dukkaana isaa saaman, Yaayyoo Shagginoo qaluun akkasumas Abdataa Mahaammadrashiid rasaasaan rukuchuun ajjeesan. Aanuma Qondaalaa kana keessatti ilmaan Oromoo 50 ol badii tokko malee magaalaa Qondaalaatti hidhuun kan dararaa jiran yoo ta’u, kanneen keessaa kan maqaa arganne Xaha Haji Mahaammad Nagarii Ashunfaa irraa, Haashim Tarreessaa akkasuma Lamisaa Kadirii fi Gammachuu kan jedhaman ammoo rifeensa irratti gubuu maddeen ona Qondaalaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply