• Tue. Dec 5th, 2023

Tasgabbii dhabuu nageenya impaayerattii irraan kan ka’e bakka cufatti humnaa fi goyomsaan ergamanii du’aa kan jiran ilmaan Oromoo, gocha hammeenyaa murna faashistii bilxiginnaa kanatti dammaquun mooricha gananii ba’uu itti fufanii jiru

Feb 6, 2023


ONM – ABO – Gurraandhala 6, 2023
 
Haaluma kanaan kaleessa Guraandhala 5, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Guutoo Giddaa mooraa waraanaa magaalaa Ukkee irraa miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 hidhannoo guutuu waliin WBOtti makaman.
 
Ilmaan Oromoo murna  bilxiginnaa akeeka Oromummaa balleessuu qabatee socho’aa jiru ganuun gara WBO dhufan kun qawwee AKM 2, rasaasa 300 fi hidhannoo 2 waliin irree fi gaachana sabaa bira ga’an.
 
Loltootni bilxiginnaa duraanii kun murna uummata biratti jibbamaa kana tajaajilaa turuu isaaniitti gaabbuun yakka saba keenya irratti dalagneef sabichi dhiifama nuuf haa godhu jedhan.
 
Maayii irrattis ilmaan Oromoo miseensa waraana bilxiginnaa ta’uun tajaajilaa jirtan sirna yakkamaa kana tajaajiluu dhiisaatii kottaa akkuma keenya qabsoo bilisummaa Oromoo bira dhaabbadhaa jechuun waamicha godhanii jiru.

Leave a Reply