• Sat. Mar 25th, 2023

Godina baha Shaggar aanaa Boosat keessatti qonnaan bultoota baadiyyaa irraa gara magaalaa deeman WBO’f ergamtanii dhuftan jechuun dararu

Feb 7, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Murni deggersa uummataa hin qabne bilxiginnaan uummata Oromoo guutuu deggertoota waraana bilisummaa Oromooti jechuun hidhuu fi saamuun jabeessee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, jiraattota baadiyaa WBOn keessa socho’u irratti ammoo dararaa maqaa kanaan raawwatan ulfaataa dha.

Torbee darbe keessa godina baha Shaggar ona Boosat gandoota baadiyaa irraa namoota magaalaa Doonii, Bofaa fi Oolancitii deeman seensa magaalaa irratti qabuun isin ergamtoota Waraana Bilisummaa Oromooti jechuun doorsisaa fi saamaa turan.

Kanneen umrii dargaggummaa keessa jiran irratti reebicha geggeessuun gariin isaanii mana hidhaatti darbatanii jiru.

Keessayuu namoota meeshaalee garaagaraa bitanii dukkaana fi tajaajila mana keessaaf oolfachuuf harree, baajajii fi konkolaataatti fe’atan irraa buusanii sakatta’uun osoo uummatni kadhatuu miidhaanii fi qabeenya WBOti jechuun buufata poolisiitti geessanii irraa fudhatu.

Guutummaan ilmaan Oromoo baadiyyaa irraa gara magaalaa dhufuu aanaa Boosat keessatti WBO jedhamee waan ilaalamuuf miidhaan irra ga’aa jiraachuu kan dubbatan jiraattotni, Oromummaan WBO erga ta’ee qabsoo bilisummaa Oromoo finiinaa jiru WBO cinaa dhaabbannee ga’ee keenya ni baana jechuun gocha sirna bilxiginnaatti aaruun kan dubbatan jiraattota aanaa Boosati.

Leave a Reply