• Sun. Oct 1st, 2023

Yuuniversitii Dirree Dhawaa keessatti ilmaan finxaaleyyii Amaaraa barattoota Oromoo irraan miidhaa geessisuuf turan harkatti feshelaa’e

Feb 7, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Maqaa Amantii Ortodoksiitu tuqame jedhuun Oromoo fi sablamoonni impaayerattii afaan isaaniin akka amantii hin geggeeffanne mormaa kan jiran gareen finxaaleyyii Amaaraa labsii mormii adeemsa sinoodosii Oromiyaa mormu baasuun mallattoo garaagaraa agarsiisaa jiru.
 
Labsa Sinoodosii Itoophiyaa irraa kenname fudhachuun barattootni Yuuniversitii Dirree Dhawaa kaleessa Guraandhala 6,2023 mooricha keessatti uffata gurraacha uffachuun galgala irraa barattoota Oromoo adamsanii miidhaa irraan ga’uuf yaaliin isaan godhan tokkummaa barattoota Oromoon harkatti fashalaa’eera.
 
Afaan Amaaraa malee, amantii Ortodoksii akka Amaarri barbaadutti fi aadaa Amaaraa malee Itoophiyaan hin taatuutti kan amanan finxaaleyyootni Amaaraa saba gaaffii mirgaa afaan kiyyaan amantii geggeeffadha jedhu mormuun yeroo soomaatti okkoraaf saba waamuun barattoota nagaan waliin barachaa turan walitti diinomsanii jiru.
 
Mooraan Yuuniversitii Dirree Dhawaa wal gaarreffannaa barattoota Oromoo fi Amaaraan muddamaa jiraachuuf humni finxaaleyyiin kun mooraa alatti garee Saatanawu jedhu qindeeffachaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply