• Sun. Oct 1st, 2023

Waraanni bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree fi Gobbuu Sayyoo keessatti ilmaan Oromoo 6 ajjeesan

Feb 7, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Murni dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun sodaachisee barcuma siyaasaa isaa jabeeffachuuf hojjetu bilxiginnaan waraana isaa bobbaasee guyyaa guyyaatti lubbuun hedduu dhabamsiisaa oola. 

Waraanni faashistii PP ilmaan Oromoo akka ajjeesaniif bobbaafaman Jimaata darbe  Guraandhala 3, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Sibuu Siree ganda  ganda Burqaa Xalloo keessatti namoota 5n ajjeesan.

Namootni ajjeefaman kun Mirreessaa Fiqaaduu, Obsaa Taaddasaa, Mitikkuu Taaddasaa, Dinqisaa Giisee fi Addisuu Qana’aa kanneen jedhamanii dha.

Godinichuma aanaa Gobbuu Sayyoo jala ganda Gabaa Roobii jedhamutti jaarsa tilmaamaan ganna 80 ta’u xumuruma torbee kanaatti ajjeesanii bosonatti gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply