• Tue. Apr 23rd, 2024

Lixa Oromiyaa godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti namoota humnaan qabanii leenjii waraanaatti erguun hammaate

Feb 7, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Oromiyaa keessatti yeroo gara yerootti ilmaan Oromoo humnaan qabanii leenjii waraanaatti erguun waraana isaan hin ilaallanneef bobbaasanii ajjeesisuun jabaate Kan itti fufee jiru yoo ta’u namootni hedduun  dirqiin qabamanii dantaa barcuma siyaasa habashootaaf jecha lubbuun harca’u dabalaa  jira.
 
Addatti maqaa milishaa fi poolisii idilee taatuun sossobanii maatii isaanii irra adda baasuun qabanii fuudhanii kan deeman yoo ta’u gochi hamaan kun irra deddeebin godina Qellam Wallaggaa aanaa Sayyoo keessatti kan raawwachaa jiruudha.
 
Haaluma kanaan gaafa Amajjii 30,2022 aanuma Sayyoo ganda Ifa Galaanoo keessatti namoota abbaa maatii ta’an maqaan isaanii Shondaa Xilaahun, Yoohaannis Gonjoraa, Caalaa Kabbadaa, Baalaachoo Charuu, Yoohaannis Kabbadaa, Hambisaa Yoohaannisii  fi Dirribaa Hordofaa warreen jedhaman humnaan qabanii maqaa leenjii milishummaan leenjii waraanummaatti erguu jiraattotni dubbatu.
 
Akka jiraattootni gandoota kanaa tokko tokko jedhanitti fedhii isaanii malee abbaa ijoollee irra waraanatti erguun maatii rakkoof saaxiluus fedhii isaanii malee waan qabamaniif garaa guutuun akka sirnichaa  hin tajaajilee dubbachuun wanti itti dhiiban hojjatan kunis boodden isa kufaatii akka ta’e dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading