• Sat. Sep 23rd, 2023

Waraanni murna bilxiginnaa godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyootti dishqaa fi qawwee AKM waliin Arjoo keessatti Turkii 2 qabachuun WBOtti harka kennatan

Feb 7, 2023

ONM – ABO – Gurraandhala 7, 2023 Caasaan waraana bilxiginnaa lola gatii hin qabnetti hirmaatee  aarsaa baasaa jirutti mufachuun kallattii argatan maraan keessaa badaa jiru. 

Keessayuu ilmaan Oromoo qe’ee abbaa isaanii irraa dirqiin qabamuun leenjii waraanummaa fudhatanii saba isaanii akka lolanii fi qabsoo bilisummaa Oromoo akka dhabamsiisaniif bobbaafaman qawwee fi hidhannoo murni bilxiginnaa hidhacheese qabachuun WBOtti harka kennatu.

Sanbata darbe Guraandhala 4, 2023 tarkaanfii laalessaa Waraanni Bilisummaa Oromoo godina baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti fudhate haaloo ba’u loltoota hedduu bobbaafaman keessaa ilmaan Oromoo taakiyaa dishqaa ta’an 9 dishqaa tokkoo fi qawwee AKM Turkii 8 fudhachuun waraana faashistii PP irraa citanii WBOtti harka kennatan. 

Erga WBO bira ga’anis sababa dhufaatii isaanii yeroo gaafatamanitti, murni bilxiginnaa akeekni isaa Oromummaa cabsuuf finxaaleyyii Amaaraa waliin hojjechaa waan jiruuf sirna godaannisa gadhee saba keenya irratti raawwachaa jiru tajaajiluu hin qabnu jennee qabsoo dhugaa filanne jechuun dubbatan. 

Godinuma baha aanaa Arjoo irraas miseensotni raayyaa ittisa impaayerattii 2 qawwee AKM Turkii 2,boombii 5 fi rasaasa 300 mooraa diinaa keessaa baasuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof galii taasisanii jiru. 

Walumaan galatti miseensotni godina baha Wallaggaa keessatti loltootni bilxiginnaa 11 qawwee fi hidhannoo waliin WBOtti harka kennachuu gabaasni achii nu ga’e ni addeessa.

Leave a Reply