ONM-ABO 7 Guraandhala 2023 Irree fi gaachanni uummata Oromoo WBOn zoonii giddu galeessaa lixa Shaggar aanaa Miidaaqeny keessatti diina akka dansaa adabee jira.
Lola guyyaa kaleessaa Guraandhala 6,2023 aanaa Miidaaqeny ganda Goobee Kuraatti WBOn Birgeedii Laggasaa Wagee sa’a 5:00 hanga 10:00tti waraana weerartuu Abiy Ahimed irratti taasiseen loltoota nyaaphaa 65 battalatti yoo ajjeesu 77 madeessee jira.
Lola kanaan diinni rifaatu cimaa keessa galuun battaluma sanatti waraanni haleellaa irraa hafan madoo argate fudhatanii magaalaatti deebi’an yoo ta’u gama meeshaatiin PKM, AKM fi Isnaayipperri dugda diinaa irraa hiikamuun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof oolee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof