• Thu. Apr 25th, 2024

Giddu Galeessa Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa Aanaa Boosat keessatti Dararaan hammachuu Jiraattoonni Sagalee Qeerroo bilisummaa Oromoof himan

Feb 9, 2023

(SQ-Gurraandhala 9/2023)
Godina Shawa Baha Aanaa Boosat keessatti Qaamoleen nageenya Hawwasa darara jiraachuu jiraatan Nannichaa Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof hime.

Akka jiraatan kun jedheetti Torbee Darbee keessa Manneen jiraattoota Torbaatama Ol ta’asn Qaamoota Nageenyaan gubachuu yaadachiisun, Gurraandhala 7/2023 ammoo Aanaa Boosat Ganda Qaawwa Meerqasaa  bakka Addaa Goobatoo jedhamutti Namoota 13 halkan itti marsuun Ukkamsuun eessaa akka geessan hin baraamne jechuun dubbatu.

Akkasumas, Sheek Mammad Haajii Hamda Ulaama Masgiidaa bakka isaan salaataa jiraniitti ukkaamsan jechuun sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoof yaada keenneera. Hidhamtoota kanas gara Godina Arsii fuudhanii deeman jechuun dabalataan dubbatu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading