ONM ABO Guraandhala 9, 2023
Abdiif Gaachanni Uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa, Cibraa Soddom Booroo, Godina Gujii Bahaa Aanaa Liiban ganda Dhakaaqallaatti bakka addaa Irreessageeddi jedhamutti humna diinaa maqaa Sakatta’iinsa WBO jedhuun dhokattee halkan Socho’aa turteetti haxxee hidhuun lola halkan 8/2/2023 sa’aati 08:30 irra kaasee hanga ganama Sa’a 05:00tti
lola hadhaawaaf jajjabaa taasiseen loltoota Faashistii Abiyi Ahimad 105 ol ajjeessee,140 madeessuun Injifannoolee gugurdoo Galmesseera.
Lola kanaanis meeshalee waraanaa qawweee AKM( 58)Bireena( 2), Snayperii (2)fi Rasaasa diishqaa 1000, boombii 15, rasaasa AKM 5025
rasaasa BKM 4562, Dugda diinaa Irraa hiikuun dantaa galii qabsoo bilisummaa Oromoof oolchuu ajajaan WBO zoonichaa ibsee jira.
Dablataan waraana Sirnichaa fayyaa 1,fi madoo 3 booji’uu ifoomsaniiru.
Lolli Hanga bilisummaafi Walabummaa Oromiyaa itti fufa.
Injifannoon Uummata Oromoof






