ONM-ABO Guraandhala 10, 2023
Qabsoo bilisummaa Oromoof lafee dugdaa kan ta’anii fi Oromoon tuqamnaan barnootni kiyya has hafu jechuun seera ukkaamsaa impaayerattii dura dhaabbachuun kan beekaman urjiiwwan barattoota Oromoo dhiibba amantii fakkeessuun finxaaleyyiin Amaaraa taasisaa jiran mormuun ibsa abbaa qabxii 12 baasan.
Barattootni Oromoo Yuuniversitii Finfinnee kun kaleessaa Guraandhala 9, 2023 mooraa yuunivarsiitii Finfinnee lamaanuu Arat Kiiloo fi Siddist Kiiloo keessatti ibsa abbaa qabxii 12 kana afaan Oromoo fi Amaariffaan baasuun facaasanii jiru.
Ibsi kunis bataskaana mana amantii malee lafa kuusaa meeshaalee waraanaa taasisuun ni dhaabbata, qabeenya Oromoon faannoo hidhachiisuun ni hafa, waaqayyoo afaan Oromoon yoo waaqeffatanis ni dhaga’a, Oromoo sirna finxaaleyyii Amaaraa fi qeenxummaa isaanii jalaa ni baasna, bu’aa qabsoo keenyaan argame tikfachaa hanga walabummaa keenyaatti ni qabsoofnaa fi kanneen biroo kaasuun adeemsa finxaaleyyii Amaaraa kaasuun phaaphasota haaraa mudaman bira akka dhaabbatan ibsa kanaan beeksisaniiru.
Itti dabaluunis impaayera afaan qawween ijaarte afaan qawween diigamuu qabdi kan jedhan barattootni Yuunivarsiitii Finfinnee kanaan sichi humni qabsoo bilisummaa Oromoo dhaabu akka hin jirree ibsuun uummatni Oromoo burjaajii uumamuun kallattii qabsoo isaa irraa akka hin maqne yaadachiisuun mormii murna bilxiginnaa irratti qabus tokkummaadhuma kanaan itti haa fufu jechuun dhaamaniiru.